Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Waancaa Addunyaa 23ffaan har’as itti fufuun ni taphatamu

Finfinnee,Waxabajjii 15, 2018 (FMC) – Taphoota Waancaa Addunyaa 23ffaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon waloon qopheessan oolmaa guyyaa 12ffaan har’a taphoonni eegaman ni taphatamu.

Har’a halkan sa’aatii 2:00 eegalee Arjentiinaan Ostiriyaa waliin taphatti.

Arjentiinaan tapha har’aa injifannaan marsaa itti aanuuf darbuu mirkaneeffatti.

Akkasuma halkan qixxee sa’aatii 6:00 eegalee Faransaayi Iraaq waliin morkatti.

Faransaayiis tapha kana injifannaan marsaa itti aanutti darbuu mirkanneeffatti.

Halkan gara barii Iyya Handaaqqoo eegalee falmiin Noorweey – Seenaagaal waliin taasiiftu ni eegama.

Boru ganama sa’aatii 12:00 jalqabee yeroo jalqabaaf waancaa addunyaarratti hirmaataa kan jirtu Joordaan Aljeeriyaa waliin taphatti.

Tapha jalqabaan Noorweey galchii 4 fi 1’n Iraaq, Faransaayi ammoo galchii 3 fi 1’n Seeneegaal injifachuun kan yaadatamuudha.

Akkasuma Arjentiinaan galchii 3 fi 0’n Aljeeriyaa, Ostiriyaan ammoo galchii 3 fi 1’n Joordaan injifataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.