Fana: At a Speed of Life!

Hojii ittisaafi qophaa’ummaa balaa lolaa eegalchiisneerra- Kantiibaa Adaanech Abeebeen

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen hojii ittisaafi qophaa’ummaa balaa lolaa eegalchiisneerra jedhan.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Gannaaf dursinee qophaa’uun barbaachisaadha jedhanii, guyyaa har’aa Aqaaqii Qaallittiitti hojii ittisaafi qophaa’ummaa balaa lolaa ifatti eegalchiisuu ibsaniiru.

Naannawichi Kanaan dura irra deddeebiin balaa Kanaan miidhamaa akka ture yaadachiisuun, naannawichaaf dursa kennuun hojiin kun eegalamuu eeraniiru.

Bakkeewwan magaalichaa hundatti laggeen haala yaa’iinsa uumamaa isaanii hordofanii akka yaa’aniif sosochii ijaarsa garaagaraa ijaaruufi ujummoowwan qulqulleessuu itti fufsiisneerra jedhaniiru.

Jiraattonni magaalichaas hojii ittisaafi qophaa’ummaa balaa lolaa bulchiinsi magaalichaa hojjechaa jiru irratti akka hirmaatan fi ujummoowwan dhabamsiisa balfaa qulqulleessun akkasumas balfa haalaan dhabamsiisuun balaa kana irraa akka of eegan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.