Yuuniivarsiitiin Arsii barattoota kuma 1 fi 300 ol eebbisiise
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Yuuniivarsiitiin Arsii barattoota saayinsii fayyaa fi Seeraan leenjisaa ture kuma 1 fi 355 guyyaa har’aa eebbisiiseera.
Sagantaa eebbaa kanarratti Ministir Deetaa Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon, hoggantoonni Yuuniivarsiitichaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Eebbifamtoonni kunneen damee fayyaa fi seeraa biyyattii keessatti qooda isaanii ni bahatu jedhameetu eegama.
Liyaa Dhugumaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia