Itiyoophiyaafi Ingiliz tumsa qaban cimsuuf murannoo qabaachuu ibsan
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Itiyoophiyaafi Ingiliz tumsa gamlamee qaban cimsuuf kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Dhimma Alaa fi Dhimmoota Misoomaa Koomaanweelzi Iiveet Kuuppar waliin mari’ataniiru.
Hoggantoonni lameen waltajjii torbee qabeenya qilleensaa Landanitti gaggeeffamaa jiru cinaatti marii taasisaniin, dhimmoota gamlamee, naannawaafi idil-addunyaarratti mari’ataniiru.
Nagenyaafi tasgabbii naannawaa, misooma waaraa akkasumas tumsa diinagdee irratti waloon hojjechuuf kutannoo qaban mirkaneessaniiru.
Rakkoolee qabeenya qilleensaa furuuf furmaatawwan waloo fiduuf tattaaffiiwwan idil-addunyaa cimsuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Dhimma qabeenya qilleensaaf dursa kennuun mariiwwan diinagdeefi misoomaa waliin walsimsuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Soosinnaa Alamaayyoon.
#Oromia #Ethiopia