Fana: At a Speed of Life!

Naareendiraa Moodiin Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Paartii Badhaadhinaaf ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Ministira Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad fi Paartii Badhaadhinaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Naareendiraa Moodiin ergaa isaaniin, Hindi hariiroo seena qabeessa, waggoota dheeraafi damee hedduu Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.

Daawwannaa dhiyeenya Itiyoophiyaatti taasisan yaadachiisuun, tumsa tarsiimawaafi michummaa uummattoota keenyaa cimsuuf waloon ni hojjennas jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.