Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan filannoo waliigalaa 7ffaa milkaa’inaan gaggeessuu Raashiyaan dinqisiifatte

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan filannoo waliigalaa 7ffaa karaa nagaafi diimookiraatawaa ta’een milkaa’inaan gaggeessuu Raashiyaan dinqisiifatteerti.

Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa ibsa baaseen, Paartiin Badhaadhinaa teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa 438 argachuun injifannoo amansiisaa galmeessisuu eereera.

Ministeerichi ibsasaan Gamtaan Afrikaafi IGAD taajjabdoonni filannoo adeemsi filannichaa karaa nagaafi diimookiraatawaan gaggeeffamuu akkasumas sarbamiinsi akka hin raawwanne ibsuu isaanii yaadachiiseera.

Filannichi milkaa’inaan xumuramuun Itiyoophiyaanonni tokkummaa biyyaalessaa cimsuufi amantaa bulchiinsa ammaarraa qaban kan agarsiisudha jedheera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.