Dooniin Itiyoophiyaa MV Gibee jedhamtu Ulaa Hoormuuz keessa dabarte
Finfinnee,Waxabajjii 17, 2018 (FMC) – Dooniin Itiyoophiyaa MV Gibee jedhamtu sababa waraana Ameerikaa – Israa’eelii fi Iraaniin Ulaa Hoormuuz keessa ji’ootaaf turte gara Jibuutii imaluu eegalteerti.
Dooniwwan baatiwwaniif bakkicha turan keessaa tokko kan taate MV Gibeen meeshaalee feete guutuu waliin gara buufata Jibuutii imaluu eegaluu Tajaajilli Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa ibseera.
Agarsiiftuu mallattoo kabaja Itiyoophiyaa kan taate MV Gibeen bakkeewwan ga’umsa idil addunyaa 347 irratti Dooniwwan alaabaa Itiyoophiyaa mirmirsan keessaa ishee tokkodha.
Yeroo ammaas naannawaa Odola Oomaaniittti kan argamtu yoo ta’u, imala ishee gara Jibuutii itti fufteerti.
Waxabajjii 28, halkan sa’aatii 2:00 irratti buufata Jibuutii ni geessiin eegama.
MV Gibeen dhiibbawwan naannawaa Ulaa Hoormuuz keessa ture dandamachuun kabaja biyyaalessaa kan mul’ifte ta’uu dhaabbatichi ibseera.
#Oromia #Ethiopia