Itiyoophiyaan raawwachuu ni dandeessi…
Itiyoophiyaan qormaatilee walxaxaa ishee mudate dandeettii ofii fi beekumsa xabbootiin furuun gara badhaadhinaatti ce’uu akka dandeessu yeroo yeroon addunyaaf agarsiisaa jirti.
Itiyoophiyaan haaromsa diinagdee hunda galeessa waggoota darban eegalteen gara milkaa’ina qabatamaa fi waaraatti jijjiiruun raawwachuu akka dandeessu mirkaneessiteetti.
Jechi ni raawwatti jedhu dhaadannoo siyaasaa qofa osoo hin taane pirojektoota gurguddoo lafa irratti hojiirra oolan, teeknooloojiiwwan dijitaalaa fi jijjiirama caasaa dinagdee gooroon mirkanaa’eedha.
Itiyoophiyaan qormaatilee keessaa fi alaa keessa taate hoggansa dhuunfaa fi gurmuun Piroojketoota biyyaalessaa jajjaboo ta’an haala milkaa’ina qabuun raawwachuu dandeesserti.
Kanas guutuun addunyaa ragaa kan bahuudha.
Guddinni Itiyoophiyaan galmeessaa jirtu carraa biyyattii gara fuulduraa murteessuuf kanneen dandeettii qabaniidha.
Keessattuu tasgabbiin diinagdee gooroo fi si’oominni gabaa kaappitaalaa, ce’umsi diijitaalaa, tajaajilli giddugala iddoo tokkoo masoob, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa jajjaboon, misoomni Koriidarii fi diinagdeen magariisaa,akkasuma walitti hidhamiinsa hawaasummaa hammataa ta’e kanneen ijoodha.
Itiyoophiyaan sirna sharafa alaarratti fooyyessa taasisuun gara hojmaata gabaan durfamuutti ceeteetti.
Kunis kallattii hedduun bu’aa argamsiiseera.
Gabaa Kaappitaalaa fi qabeenya sanada hojii eegalchiisuun Aksiyoonaawwan dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa gurguruu eegaleen Lammiileen kaappitaala biyya keessaa yeroo dheeraa walitti qabuu fi aksiyoona abbummaa akka bitatan balbala haaraa baneera.
Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun dameen oomishaa dandamachuun oomishaaleen alaa galan biyya keessaatti akka oomishaman taasiseera.
Kanaanis Indaastiriiwwan guguddoon rakkoo caasefamaa qaban 37 gara oomishaatti akka galan taasifameera.
Kunis sharafa alaa doolaara biiliyoona 1.08 baraareera.
Ce’umsi diijitaalaa fi Tajaajila Iddoo Tokkoo Masoobiin tajaajiloonni mootummaa karaa ammayyaan iddoo tokkoo akka kennaman taasiseera.
Appilikeeshiniin “Masob” tajaajilli iddoo tokkoo tajaajilootamootummaa 185 ol kan hammate yoo ta’u, dhamaatii lammiilee hir’isuu keessatti jijjiirama dinqisiisaa fideera.
Diijitaal Itiyoophiyaan iftoomina fi si’aayina hojii mootummaa guddisuudhaan, Itiyoophiyaan dhiibbaa kiraaasababdummaa fi malaammaltummaa teeknoolojiin ittisuuf gara boqonnaa guddaa ceeteetti.
Eenyummeesaan Biyoolessaa “Faayidaan” sirna eenyummeessaa diijitaalaa lammiileen miiliyoona 25 ol irratti galmaa’an yoo ta’u, yeroo ammaa sirna baankii, paaspoortii fi tajaajila galmee siivilii waliin guutummaatti hidhamuun sirna to’annoo seeraa fi amansiisaa uumeera.
Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaan gaggeessitu eegumsa naannoo fi qulqullina jireenya lammiilee giddu-galeessa kan godhateedha.
Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa dhiyeessii anniisaa haaromfamuu biyyattii gara sadarkaa olaanaatti kan ceesise fi mallattoo walabummaa diinagdee ta’eera.
Hidhichi dandeettii humna ibsaa maddisiisuu cimsuun fedhii Indasitarii biyyattii guutuu bira darbee, biyyoota ollaatiif humna ibsaa bal’inaan gurguruun hariiroo naannichaa cimseera.
Misoomni koriidarii ariifataa fi qulqullina qabu kan Finfinnee fi magaaloota gurguddoo biroo keessatti raawwatame, magaaloonni kunniin jireenyaaf mijatoo, qulqulluu fi bakka hawwata turiizimii idil-addunyaa akka ta’an gargaareera.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa biqiltuun biiliyoonni 48 ol dhaabameera.
Kunis jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii guddaa ta’eera.
Dabalataan faalama qilleensaa qolachuuf gara konkolaattota elektrikaatti ce’uun ariitii olaanaadhaan hojiirra oolaa jira.
Itiyoophiyaa, qormaatileen hin jilbeeffachiisan. Gargaarsa hoggantoota ishee qarootiin qormaatilee gara carraatti jijjiiruuf muuxannoo gahaa horatteetti.
Dandeettii ofii fi beekumsa xabbootiin raawwachuu akka dandeessus agarsiisaa jirti.
Imalichis gara fiixee badhaadhina olaanaatti ce’uu akka dandeessu abdii guutuu kan uumeedha.
Koottaa Biyya Haa Ijaarruu!!
#Oromia #Ethiopia