Fana: At a Speed of Life!

Gareen seeraan alaa ABUT uummata Tigraay akka qabsiisaatti itti fayyadamaa jira — Piroofeesar Kindayaa G/Hiywat

Finfinnee, Hagayya 11, 2018 (FMC) — Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Simrat, Piroofeesar Kindayaa G/Hiywat, gareen seeraan alaa ABUT uummata naannoo Tigraay akka gaachanaatti itti fayyadamaa jiraachuu himan.

Piroofeesar Kindayaan akka jedhanitti, gareen seeraan alaa kun yeroo dhiyoo asitti seera mirga uummata Tigraay sarbu, ukkaamsuu fi seeraan ala ta’e baaseera.

Kanaanis, naannichatti dargaggoonni baqachuu, guyyaa guyyaan qabamuu akkasumas gara leenjii waraanaatti galuun haala nama suukkanneessuu fi haqaa irraa fagaateen raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sababa garee seeraan alaa kanaatiin uummanni Tigraay rakkoo hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdee keessa jiraachuu Piroofeesar Kindayaan dubbataniiru.

Dargaggoonni karaa adda addaatiin gara Finfinnee, naannolee biroo fi biyyoota ollaatti baqachaa jiraachuu isaaniitiin, magaalonni naannichaa dargaggoota irraa duwwaa ta’aa jiraachuu ibsaniiru.

Tigraay naannoo dargaggoonni guyyaa guyyaan itti qabaman fi haqni itti hin jirre ta’uu himuun, mirgoonni namoomaa bu’uuraa waan sarbamaa jiraniif uummanni rakkoo guddaa keessa jiraachuu ibsaniiru.

Naannoo Tigraay keessatti haalli oomishaa fi dhiyeessii mijataa ta’e waan hin jirreef, hanqinni meeshaalee bu’uuraa, boba’aa fi dhiyeessiiwwan biroo uumamuu Piroofeesar Kindayaan kaasaniiru.

Haa ta’u malee, tajaajiloonni bu’uuraa kanneen akka bilbilaa, geejjibaa fi tajaajiloonni biroo mootummaa federaalaan kennaman itti fufuu isaanii ibsaniiru.

Piroofeesar Kindayaan naannichatti hojiin albuudaa seeraan alaa, daldalli namaa fi sochiin meeshaa waraanaa seeraan alaa magaalota naannichaa keessatti raawwatamaa jiraachuu eeruun, yeroo ammaa naannichi rakkoo waliigalaa cimaa keessa jiraachuu ibsuu isaanii Dhaabbanni Pireesii Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.