Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Paartii Badhaadhinaaf ergaa baga gammaddanii dabarsite

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018 (FMC)- Chaayinaan Filannoo waliigalaa 7ffaa kan injifate Paartii Badhaadhinaaf ergaa baga gammaddanii dabarsiteerti.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Gu’oo Jiiyaakuun ibsa har’a kennaniin, Ministira Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimadiin kan durfamu Paartiin Badhaadhinaa Filannoo waliigalaa 7ffaa injifachuu isaan baga gammaddanii jedhaniiru.

Chaayinaan Itiyoophiyaa akka michuu tarsimaawaatti kan ilaaltu ta’uu ibsuun, Itiyoophiyaan fuulduraatti guddina caalu akka galmeessistuuf biyyi isaanii deeggarsa taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu eeraniiru.

Chaayinaan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabduuf gatii olaanaa kan kennituufi murtoowwan fooramii Chaayinaa Afrikaa hojiirra oolchuuf qophii ta’uu kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.