Tajaajilli Lammummaa waktii Gannaa tola ooltota miiliyoona 38 hirmaachisu eegaluufi – BKO
Finfinnee,Waxabajjii 19, 2018 (FMC) – Tajaajilli Lammummaa waqtii gannaa mata dutee ‘olka’iinsa biyyaaf’ tola ooltota miliyoona 38 hirmaachisu eegaluufi jedhe Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa inisheetiivii tajaajila lammummaa qorannoon tumsee duudhaafi safuu Oromoon masakee Caffeen raggaasuun erga hojiirra oolche waggoota 7 lakkoofsiseera. Waamicha mootummaan taasise hordofee lammileen biyya keessaafi biyya alaa waggaa waggaan hojii tajaajila lammummaa irratti hirmaachaa dhufaniiru.
Galmi hojii tajaajila lammummaa misooma waloo ijaaruu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u hojii waggootan Torban darban hojjetameenis injifannoon galmaa’uu danda’eera. Hojii tajaajila lammummaa gara duudhaafi safuu uummataatti ceesisuun duulaan hojjechuu irraa gara lammii hundi akka aadeffatu taasisuu irratti hojjetamaa jiraachuu hogganaa Itti Aanaan Biiroo Maallaqa Oromiyaafi Itti gaafatamaan damee Tajaajila Lammummaa Dr Mahaammadnaasir Abbaajamaal har’a wayiita ibsa miidiyaalef kennan dubbataniiru.
Tola ooltotni karaa ijaarameefi dhuunfaadhaanis humna, beekumsa, qabeenyaafi yeroo isaanii bilisaan nama dhuunfaa, kutaalee hawaasaafi biyyaaf kennuudhaan tumsi namoomaa kan ittiin taasifamu ta’uu kan ibsan Dr Mahaammadnasir tola ooltota naannichatti hojjechuu bira darbuun daangaa qaxxaamuraanii tajaajilan horachuun danda’ameeras jedhaniiru.
Tajajilli Lammummaa Oromoof duudhaa isaa ganamaa ta’uu kan ibsan Dr Mahaammadnasir hojii naannichatti hojjetamaa dhufeen deeggarsa namoomaa taasisuu fi misooma waloo ijaaruu irratti boqonnaa haaraan saaqamuu isaa himaniiru. Ganna bara 2017/2018 keessa tajaajila lammummaa irratti dargaggootni miliyoona 9.7, dhaabbilee hawaasa siixilii garaagaraa irraa Kuma 228fi kutaalee hawaasa adda addaarraa namootni miliyooni 40 ol waamicha dargaggootaaf taasifame hordofuun hojii tajaajila lammummaa irratti hirmaataniiru. Kanaanis hojiiwwan garaagaraa qarshii biliyoona 128.5 ol baasuu fi namoota miliyoona 36 fayyadamoo taasisu hojjetamuu ibsaniiru.
Ganna bara 2018/2019 kanas hojiiwwan Tajaajila Lammummaa gosa garaagaraa 14 hojjechuuf kan karoorfame ta’uu kan ibsan Dr Mahaammadnasir dargaggoota dabalatee qaamoliin hawaasa garaagaraa irraa tola ooltotni miliyoona 38 ol ni hirmaatus jedhaniiru.
Hojii Tajaajila Lammummaa waktii Gannaa hojjetamu kanaan namootni miliyoona 50 ol kallattiifi alkallttiin fayyadamoo taasisuuf karoorfamuu kan himan Dr Mahaammadnasir olka’iinsa biyyaa milkeessuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachus himaniiru.
MNO hojii tajaajila Lammummaa sosochiirra gara aadawwaatti ceesisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu kan himan Dr Mahaammadnasir uummatni keenyas hojii duudhaa keenya ganamaan masakame kanatti hirmaachuun milkaa’ina olaanaaf akka tumsan dhaamaniiru.
#Oromia #Ethiopia