Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan tumsa Paakistaan waliin qabdu cimsuuf murannoo qabdi – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee,Waxabajjii 19, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan tumsa Paakistaan waliin qabdu cimsuuf murannoo qabdi jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ergaan Ministirri Muummee Paakistaan dabarsan hariiroo obbolummaa biyyoota lamaan gidduu jiru calaqqisiisa kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, ministirichi ergaa baga gammaddanii dabarsuu isaaniitiif galateeffataniiru.

Itiyoophiyaa fi Paakistaan biyyoota daandii guddinaarra jiran ta’uu eeruun, guddina hundagaleessa mirkaneessuuf waloon kan hojjetan ta’uu kaasan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.