Argannoon qorannoo gatii kiraa mana jireenyaa magaalattii tilmaamuuf qoratamee dhuma baatii Waxabajjiirraa eegalee hojiirra oola
Finfinnee, Waxabajjii 19, 2018 (FMC) – Argannoon qorannoo gatii kiraa mana jireenyaa magaalaa Finfinnee tilmaamuuf qoratamee Waxabajjii 30, 2018 irraa eegalee hojiirra oola.
Biiroon Misoomaa fi Bulchiinsa Manneenii Magaalaa Finfinnee qorannoo gatii kiraa mana jireenyaa magaalaa Finfinnee tilmaamuuf qoratame irratti har’a marii geggeesseera.
Hoggantuun Biiroo Misoomaa fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Qiddist Walda Giyoorgis akka jedhanitti, labsiin to’annoo fi bulchiinsa kiraa mana jireenyaa bara 2016 irraa eegalee hojiirra oolaa jira.
Waliigalteen bara 2016 irraa eegalee hojiirra oole waggaa lamaaf akka tajaajilu eeranii, akkaataa waliigaltichaan kireeffataan bakka tokko yoo xiqqate waggaa lamaaf tasgabbaa’ee akka taa’uuf gargaara jedhan.
Qorannoo gatii waggaa waggaan geggeeffamu bu’uureffachuun gatiin kiraa akka fooyya’u himanii, bu’uura labsichaatiin qorannoon gatii kiraa mana jireenyaa bara 2019 geggeeffamuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan gatiin kutaalee magaalaa hunda giddugala godhate qoratameeraa kaasan.
Tilmaamni gatii kiraa karaa galii kireessitootaa hin miineen, dandeettii kaffaluu kireeffattootaa ilaalcha keessa kan galche ta’uus hubachiisan.
Bu’aan qorannoo gatii kiraa mana jireenyaa kana tilmaamuuf qoratamees Waxabajjii 30, 2018 irraa eegalee hojiirra akka oolu ibsaniiru.
Haaromsi waliigaltees tekinooloojiin deggeramuun akka raawwatamu eeranii, Tajaajila Giddu-gala Tokkoo Masoob kutaalee magaalattii hundatti argaman deemuun waliigaltee raawwachuun akka danda’amus hubachiisaniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia