Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa labsiiwwan waliigaltee liqaafi deeggarsaa garaagaraa raggaasise

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2018 (FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii addaa 1ffaa bara hojii 5ffaa har’a gaggeesseen labsiiwwan waliigaltee liqaafi deeggarsaa garaagaraa raggaasiseera.

Waliigalteewwan mana marichaaf dhiyaatan keessaa kan jalqabaa waliigaltee liqaa ‘SDR’ hojiirra oolmaa imaammata guddina misooma gama maraafi waaraaf kan oolu Waliigaltee Doolaara miiliyoona 400 fi miiliyoona 37 fi kuma 400’ti.

Kan lammataa waliigaltee liqaa SDR Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 45 fi kuma 500 sagantaa qabiinsa lafaa raawwachiisuuf mallatta’edha.

Sadaffaan liqaa SDR Doolaara miiliyoona 54 fi kuma 600 Piroojketii oomistummaa waaraa misooma jallisii jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf oolu raawwachiisuuf mallattaa’e.

Manni marichaa labsiiwwan waliigaltee liqaa kanneen qorachuun raggaasisuu ENA’n gabaaseera.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen wayita kana waliigalteewwan liqaafi deeggarsaa kunneen hojiileen misoomaa Itiyoophiyaan hojjechaa jirtu jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu kan agarsiisanidha jedhan.

Riifoormii diinagdee gooroo cimsuun baay’inaafi qulqullina oomishaalee al-ergii guddisuun sharafa alaa argamsiisuuf qooda olaanaa qabaachuus eeraniiru.

Tattaaffii jireenya dargaggootaa, dubartootaa, qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa fooyyessuuf taasifamu keessatti dandeettii faayinaansii guddaa akka uumu kaasaniiru.

Dabalataanis jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuun diinagdee magariisaa ijaaruufi misooma jallisii ammayyeessuuf gargaaru jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.