Fana: At a Speed of Life!

Barataa A+ 35 galmeessuun Meedaaliyaa Warqee badhaafamuun eebbifame, Aantii Mitikkuu

Finfinnee,Waxabajjii 20, 2018 (FMC) –Barataa AAntii Mitikkuu koorsiiwwan 49 keessaa koorsiiwwan 35 A + koorsiiwwan 13 ammoo A galmeessuun Yuunivarsiitii Odaa Bultumirraa meedaaliyaa Warqeen eebbifame.

Barataa Aantii Mitikkuu Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti Muummee Saayinsii Meedikaal Laabiraatoorii barataa ture.

Koorsiiwwan 49 keessaa koorsii 35 A+, koorsii 13 immoo A, koorsii tokko qofa A- galmeessuun qabxii waliigalaa 3.99 fiduun eebbifame.

Yeroo hunda kaayyoo ofii beekuun yerootti sirnaan fayyadamuun milkaa’uun ni danda’ama jedhe barataa Aantii Mitikkuun.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.