Fana: At a Speed of Life!

Ajandaa ijaarsa biyyaa irratti garaagarummaa hin qabnu- Paartilee Siyaasaa

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2018 (FMC)- Ajandaa ijaarsa biyyaa irratti garaagarummaa hin qabnu jedhan Miseensoonni Mana Maree Waloo Partiilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa.

Paartileen Miseensa Mana Maree Waloo Paartiilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa guyyaa har’aa magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti biqiltuu dhaabaniiru.

Miseensoonni mana marichaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanarratti qooda fudhatanis dantaa biyyaaleessaa irratti garaagarummaa tokko malee waloon dhaabbachuun qajeeltoo keenyaa jedhan.

Ijaarsa biyyaa akkanaarratti qooda fudhachuun itti gaafatamummaa seenaa bahachuuf har’a sagantaa kanarratti hirmaanneerra jedhan.

Barreessaan mana marii Paartilee siyaasaa Naannoo Oromiyaa Obbo Taarikuu Dinbaruu, Ashaaraan magariisaa dhimma walooti jedhan.

Dhimmi waloo kun ammoo ilaalcha siyaasaan tokko hin gaafatu waan ta’eef dhimma waloorratti waliin nii hojjenna jedhan.

Daawiit Waarisaa Araarsoo Paartii Sooshaal Dimokiraasii irraa akka jedhanitti,gaaffii misoomaa ummataa waliin deebisuu qabna jedhan.

Garaagarummaan siyaasaa jiraatullee ijaarsa biyyaarratti itti gaafatamummaa waloo qabna jedhan.

Waamicha mootummaan waloon akka hojjennuuf dhiyeesse fudhannee qindoomina olaanaan hojjechaa jirraa jedhan.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Hogganaan Damee Ijaarsa Dimokraasii Obbo Mogos Ida’ee gamasaaniin, dhimma waloo irratti waloon hojjechuun aadaa siyaasaa biyyaa kana jijjiiruu keessatti tarkaanfii tokkoo dha jedhan

Manni Maree Waloo Paartiilee Siyaasaa yeroo filannoo qofa osoo hin taane, yeroo kamiyyuu dhimmoota waloo fi dantaa biyyaaleessaa irratti waliin hojjechuuf qajeeltoo fi ejjennoo cimaadhaan waloodhaan hojjechaa jira jedhan.

Kunis aadaan siyaasaa biyya keenyaa adeemsaan jijjiramaa fi ammayyaa’aa dhufuu isaa agarsiisa jedhan.

Hojii ashaaraa magariisaa kaa’uu guyyaa har’aa hojjetameen alattis manni marichaa hojiiwwan tajaajila lammummaa biroo ijaarsa biyyaa keessatti hiika qaban hojjechuuf karoorsee qindoominaan socho’aa jiraas jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.