Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyaalessaa bu’ura wal dhagahuu, waliigaluu fi ijaarsa sirna mootummaa cimaa ti – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan seenaa isee keessatti boqonnaa marii haaraa, hammataa fi tarsiimawaa irra jirti.

Boqonnaan kun carraa seenaqabeessa garaagarummaa caasasaa fi siyaasa keessoo barootaaf turan hirmaannaa hawaasaa bal’aan furuu fi waltajjii marii bilchaataa irratti waliigaltee biyyaalessaa waloo ijaaruuf dandeessisuu dha.

Aadaa siyaasaa yeroo dheeraaf lola keessoo fi wal dahabdee adda addaan laaffatee ture jijjiiruun, mul’anni hammattummaa fi waliigaltee biyyaalessaa bu’ura birmadummaa fi badhaadhinaa godhate hojiirra oolaa jira.

Yeroo ammaa kana mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhimma filannoo utuu hintaane, dirqama seenaa biyya cimtuu, birmaddduu fi tasgabboofte ijaaruu ti.

Biyyoota heddumminni, aadaawwan adda addaa fi ilaalchonni siyaasaa keessa jiran akka Itiyoophiyaa keessatti, yaada qaama tokkoo qofa warra kaan irratti fe’uun deemuun furmaata fiduu hindanda’u.

Kanaafuu, barbaachisummaan marii biyyaalessaa yeroo kamiyyuu caalaa ifee mul’ata.

Ajandaaleen marii gurguddoo Koomishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ifoomse saddeettan sagalee, abdiiwwan fi mul’ata gara fuulduraa lammiilee Itiyoophiyaa calaqqisiisanii fi kutaalee biyyattii hundaa fi kutaalee hawaasaa adda addaa irraa kan walitti qabamanii dha.

Milkaa’inni fi adeemsi hojiitti jijjiiruu ajandaalee kanneenii qooda gama tokkoo qofa miti; hirmaannaa gaarii fi dammaqina lammiilee Itiyoophiyaa maraa gaafata.
Paartileen siyaasaa, dhaabbileen hawaasa siivilii, dhaabbileen amantaa, dargaggoonni, dubartoonni, hayyoonni fi dhaabbileen biroon adeemsa seena-qabeessa kanaa milkeessuuf qooda murteessaa qabu.

Adeemsi kun ijaarsa sirna diimokiraasii Itiyoophiyaa keessatti cimsuun, dhaloota dhufuuf biyya nagaa, wal-amantaa fi waliin hojjachuun keessa jiraatan dabarsuuf carraa guddaadha.

Carraa kana ogummaan fayyadamnee carraa egeree biyya keenyaa waliin murteessuun nurra jira.

Adeemsa marii biyyaalessaa gufachiisuuf yaadawwan diigumsaa ajandaalee kanneeniin ala socho’an dura cichoominaan dhaabachuun, waliif dhagahuu fi waliigalteef dursa kennuun, adeemsa ijaarsa sirna mootummaa keessatti Ashaaraa gaarii kaa’uu qabna.

Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.