Hambaa dhalootaa fi bu’ura jireenyaa…
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa faayidaalee hedduu argamsiisaa jira.
Jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamchuu, lafa manca’ee ture deebisee misoomsuu fi diinagdee magariisaa jiruu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.
Itiyoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa walitti fufiinsaan hojiirra oolchuun fakkeenya taateetti.
Dandeettiin lafti bishaan ittiin qabatu akka dabalu, darbees lolaa, goggiinsaa fi balaawwan walfakkaatoo jijjiirama qilleensaan dhufan dandamachuuf tumsaa jira.
Bara 2011 kan eegale sagantaan dhaabbii biqiltuu biyyaaleessaa qabeenya uumamaa eeguu, dameewwan diinagdee fi hawaasummaan jijjiirama qabatamaa galmeesseera.
Kanaanis uwwisni bosonaa biyyattii guddateera.
Dhiqama biyyoo Roobaa fi sababoota adda addaan uumamu ittisuun gabbina biyyoo guddisaa jira.
Avookaadoon, Maangoo fi Paappayaa dabalatee muduraaleen sagantichaan dhaabbatan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisaa jiru.
Wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera.
Sagantichaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biiliyoonni 48 ol dhaabbataniiru.
Uwwisni bosonaas % 17 irraa gara % 23.6 guddatera.
Hamma dhiqama biyyoo waggaan Toonii biiliyoona 1.9 ture gara Toonii miiliyoona 200 fi miiliyoona 8tti gadi buuseera.
Adeemsa biqiltuu qopheessuu, dhaabuu fi kunuunsuu keessatti lammiileen miiliyoonni 2.5 dhaabbii fi yeroon carraa hojii argataniiru.
Buufataaleen biqiltuu kuma 40 ture amma kuma 100 fi kuma 20tti guddateera.
Lammiileen miiliyoona 20 – 30 ta’an waggaa waggaan saganticharratti hirmaachuun hariiroo hawaasummaa caalmaatti cimseera.
Waliigalaan Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan hojii irra oolchaa jirtu kun magariisummaa dabaluun madaala qilleensaa eegee rakkoo faalama qilleensaa kaansarii Addunyaa ta’e kana fura jira.
Wabii nyaata mirkaneessuu keessatti gumachaa olaanaa taasisuun milkaa’ina dachaas gonfachiiseera.
Tokkoon tokkoo lammiilee biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuun biyya magariituu, miidhagduu fi badhaate dhalootaaf dhaalchisuu qaba.
#Oromia #Ethiopia