Fana: At a Speed of Life!

Boordiin dureeyyii kaappitaala Birrii biiliyoona 65.41 galmeessaniif lafa Investimantii murteesse

Finfinnee,Waxabajjii 27, 2018 (FMC) – Boordiin Invastimantii Oromiyaa dureeyyii kaappitaala Birrii biiliyoona 65.41 galmeessaniif lafa Investimantii murteesseera.

Boordiin Investimantii Oromiyaa dureeyyii haaraa kuma 1 fi 495 Kaappitaala Birrii biliyoona 65.41 galmeessan lafa Invastimantii heektara kuma10 fi 539.79 murteessuu,Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa obbo Ahimad Idiriis ibsaniiru.

Dureeyyiin kunneen humna guutuun hojiitti yoo galan namoota kuma 100 fi kuma 68 fi 255 oliif carraa hojii uumuu danda’an jedhan.

Abbootiin Qabeenyaa lafti Investimantii murtaa’eefis: Abbootii qabeenyaa biyya keessaa, biyya Alaa, qonnaan bultoota adda duree, Waldaalee IMX fi Waldaa Hojii Gamtaa Kaappitaala horatanii gara Invastimantiitti ce’an ta’uu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.