Seenessa qajeelaa tokkummaa biyyaalessaaf…
Biyyi kan ijaaramtu duuba ilaaluun osoo hin taane fuulduratti imaluuni.
Seeneessi waloon xinsammuu ummataa falmii seenaa siyaasaa keessaa baasuun gara mul’ata walootti qajeelcha.
Olaantummaa seenessa waloo mirkaneessuun biyya cimtuu fulla’insaan ijaaruuf gargaara.
Seenessa waloo lafa qabsiisuun tokkummaa biyyaalessaa dagaagsuu cinatti ijaarsa sirna diimokiraasii eegalame sadarkaa olaanatti ceesisa.
Itiyoophiyaan biyya sabootaa fi sablammoota 80 ol, aadaa, amantii fi afaan danuu qaban tokkummaan keessa jiraataniidha.
Haa ta’uutii gaaga’amni siyaasaa fi hawaasummaa mudatan hundi ka’umsi isaanii seenaa darbe, eenyummaa fi adeemsa ijaarsa biyyaa waliin kan qabatan garaagarummaa seeneessati.
Yeroo ammaa seeneessa waloo, hammataa fi madaalawaa ta’e ijaaruun birmadummaa Itiyoophiyaa, tokkummaa fi nageenya waareessuuf dhimma filannoo hin qabneedha.
Tokkummaan humna waloo saaxilamummaa kan hir’isu ta’uu isaa amananii fudhachuun murteessaadha.
Sonawwan siyaasaa fi hawaasummaa Itiyoophiyaa keessatti sararoonni seeneessaa walfaalleessan ni mul’atu.
Inni tokko seeneessa tokkummaatti:- yaadni kun tokkummaa seenaa qeenxaa fi durii qofa kan leellisuun, eenyummaa sabootaa fi sablammootaa fi madaa seenaa dagachuun kan agarsiisudha.
Inni lammaaffan ammoo seeneessa garaagarteeti:- Yaadni kun garaagarummaa fi dogoggora seenaa darbe qofa irratti xiyyeeffachuuf kan yaalu yoo ta’u, dhugaa fi duudhaalee waliin jireenyaa kan dagateedha.
Seenaawwan wal faallessan kun lamaan walshakkii,garaagarummaa, cabiinsa lammiilee fi tasgabbii dhabuu siyaasaa lammiilee gidduutti uumaa turaniiru.
Kanaaf, seeneessa waloo garaagartee kana walitti araarsu ijaaruun hojii jalqabaati.
Seenessi waloo cabiinsa siyaasaa, hawaasummaafi diinagdee sirreessuu danda’a.
Cabinsi hawaasummaa, siyaasaafi diinagdee kan hiiku keessaa tokko seenessa walooti.
Seeneessi waloon sodaa Itiyoophiyaa osoo hin taane kennaa guddaa fi miidhagina ta’uu qaba.
Seenaa, afaanii fi aadaa ummattootaaf beekamtii kennuun eenyummaa Itiyoophiyaanoota hunda walitti hidhu ijaara.
Kunis sabdaneessummaa keessatti tokkummaa mirkaneessa.
Seenessi seenaa sabni tokkoo qabu dhaloota egereetti dabarsuu keessatti qooda guddaa qaba.
Seenessi qeenxeen ijaarsa biyyaaf gufuu waan ta’eef seenessa waloo ijaaruun bu’uura Mootummaa cimaafi biyya jabduu ijaaruuf gargaara.
Seenaa waloo kan akka injifannoo adwaa, ijaarsa Hidha haaromsaa, duudhaa hawaasummaa waliinii, waliin jireenyaa fi kanneen biroorratti xiyyeeffachuun dallaa jibbiinsaa fi walshakkii ummatoota gidduu jiru diiga.
Wal amantaan yoo uumame, walitti bu’iinsa karaa nagaa fi mariin hiikuuf carraa uuma.
Galmi olaanaan Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtus dhimmoota biyyaalessaarratti waliigaltee uumuudh.
Seenessa waloo dhugoomsuu, tokkummaa fi obbolummaa dhugaa dagaagsuun biyya cimtuu fi kabajamtuu ijaaruudha.
Garaagarummaa keenya eegnee Itiyoophiyaa waloon keessa jiraachuu dandeenyu ijaaruuf hundi keenya seeneessa qajeelaa yookaa gaarii irratti xiyyeeffachuu qabna.
#Oromia #Ethiopia