Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitii Idaa’amuu ijaaraa jirra-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii, 30, 2018 (FMC)- Hubannoo namtolchee (AI) yuunivarsiitii Ida’amuu Ijaaraa jirra jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad hojiilee damee barnootaarratti gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummarraa ka’aniif ibsaa fi yaadaa kennaaniin, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hanga ammaatti hojiilee hojjetaamanitti ni boonna jedhan.

Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa, manneen barnootaa bultii addaa hedduun sadarkaa gaariidhaan ijaaramaa jiraachuu dubbatan.

Bu’uuraa isaarraatti utuu hin hojjetiin bu’aa isaa yaaduun hin fayyaduu jedhanii, waggoottan torban darban, mootummaan mana barnootaa bu’uura boruu kuma 35 ol ijaaruus yuunivarsiitii tokkollee akka hin ijaarre kaasan.

Amma yuunivarsiitii Idaa’amuu AI ijaaraa jirra jedhan.

Yuunivarsiitiin kun hanga waggaa tokkoo keessatti ijaarsi isaa ni xumuraama jedhanii, Itiyoophiya keessattis ta’e Afrikaa keessaa yuunivarsiitii qulqullinaa olaanaan kan ijaaraamu ta’uu himan.

Faayidaa Hubannoon namtolchee qabu mootummaan hubachuun irratti hojjechaa jiraachuu kaasanii, bu’aa isaa ammoo fuulduratti akka argamu eeran.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuu, hanna hambisuu fi teeknooloojii fayyadamuuf yaaliin taasifamaa jiru abdii qabeessa ta’us himaniiru.

Barsiisonni, maatiin barattootaa, manneen barnootaa, akka baroota darbanii ni hachisiisna jedhanii of dagachuurra, barattoota qopheessuun dagaagaa dhufuu ibsan.

Beekumsa Dhalootaa jaalaala biyyaa, faayidaa waloo, cimanii hojjechuun walqabsiisuu qabna malee, dhaloonni dhufuu kan yaaddessu akka hintaanes hubachiisan.

Siyaasa, misoomas dhalootni akka simatu taasisuurraa Itiyoophiyaan ni buufatti malee hinkisaartu jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.