Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Fiicheetti piroojektoonni fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018(FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Fiicheetti piroojektoonni fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan eebbifamaniiru.

Manneen barumsaa, waajjira Gandaafi wiirtuu tajaajila tokko “Masob” yoo tahan, jireenya hawaasaa fooyyessuuf, hawaasaaf taajijila si’ataa kennuuf gahee qooda olaanaa akka qabu himame.

Piroojektoonni kunneen baajata mootummaa, hirmaannaa hawaasaa fi qindoomina qaamolee garaagaraan hojjetamuun eerame.

Sirna eebba Piroojekotaa kanarratti kan argaman Ittaanaan Pireezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin, hawaasni godinichaa harkaa tokkoon nageenya isaa eeggachaa harkaa tokkoon misooma isaan saffisiisaa jira jedhan.

Piroojektoonni eebbifaman kunneen tajaajilli uummataaf dhiyaatu saffisaa, qulqullua fi bu’a qabeessa akka ta’u taasisaa, guddina Magaalaa Fiichee gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gumaacha guddaa akka qabaatan ni amanama jedhan.

Walumaagalatti, eebbi piroojektootaa Magaalaa Fiichee keessatti raawwatame hojii misoomaa mootummaa fi hirmaannaa uummataa walitti fiduun jireenya hawaasaa fooyyessuu, invastimantii jajjabeessuu, akkasumas misooma magaalaa ariifachiisuuf tarkaanfii murteessaa ta’uu obbo Awwaluu Abdii himaniiru.

Sirna eebba Piroojekotaa kanarratti,hooggantoonni olaanoo Federaalaa,naannoo, godinaafi hawaasni bal’an argamaniiru.

Faxxanaa Zawudeetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.