Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti galmeen haaromsa waliigaltee kiraa manaa har’a eegala- Biiricha

Finfinnee, Adoolessa 1, 2018(FMC)- Magaalaa Finfinneetti galmeen haaromsa waliigaltee kiraa manaa bara 2019 har’a irraa eegalee gaggeeffama jedhe Biiroon Bulchiinsaafi Misooma Manneenii magaalichaa.

Bu’uura labsii to’annoo kiraa manaa kanaan dura baheen hangi daballii kiraa manaa bara 2019 % 11.5 ta’ee ragga’uun ni yaadatama.

Haaluma Kanaan guyyaan haaromsa galmee waliigaltee kireessaafi kireeffataa bara 2019 manneen jireenyaa dhuunfaa magaalichatti argamanii guyyaa har’aarraa jalqabee kutaalee magaalotaa hundatti eegalama.

Murtoon sirreessa gatii qorannoo saayinsawaa bal’aan deeggaramuun fi dandeettii kaffaluu jiraattotaa haala giddugala godhateen qophaa’uus ibsameera.

Hojimaatichi kireessitoonni galii haqa qabeessa haala diinagdee waqtaawaa giddugala godhate akka argataniif kan mirkaneessu ta’uunis eerameera.

Dabalataanis kireeffattoonni kiraa galii isaanii madaalu kaffaluun yaaddoo irra deddeebiin mana jireenyaa jijijjiiruurraa baraaramuun jireenya tasgabbaa’aa akka jiraataniif kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Murtochi dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa sadarkaa olaanaan hir’isuu keessatti faayidaa guddaa qabaachuu ibsamuu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.