Gabaa elektirikaa naannawaa Gaanfa Afrikaa eegalchiisuuf…
Finfinnee, Adoolessa 1, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan naannawaa Gaanfa Afrikaatti gabaan elektirikaa ariitiin gara hojiitti akka galu waamicha dhiyeessite.
Walga’iin addaa Koree Istiriingii Walitti hidhamiinsa anniisaa Afrikaa Bahaa 37ffaan Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Ministir Deetaan Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Sulxaan Walii wayita kana, Itiyoophiyaan naannawichatti walitti hidhamiinsa anniisaa saffisiisuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Biyyoonni Miseensa Walitti hidhamiinsa anniisaa naannawichaa gabaa elektirikaa ariitiin gara hojiitti akka galchan waamicha dhiyeessaniiru.
Harkifannaan gama Kanaan jiru faayidaa diinagdeefi misoomaa daldala elektirikaarraa argamu dhabamsiisaa jiraachuu eeraniiru.
Waggoota dhiyoo asitti Sekireetaariyaatiin Boordii To’annoo Walabaa Walitti Hidhamiinsa Anniisaa Baha Afrikaa Yugaandaatti hundaa’uufi guddina olaanaa walitti hidhamiinsichi galmeessise dinqisiifataniiru.
Walitti qabaan Koree Istiriingichaafi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Injinar Ashabbir Baalchaa gamasaaniin, naannawichatti kuufamni qabeenya humna bishaanii, Ji’ootermaalii, qilleensaafi aduu jiraachuu eeraniiru.
Haa ta’u malee lammiileen naannawichaa miiliyoonatti lakkaa’aman tajaajila elektirikaa amansiisaafi madaalawaa argachaa hin jiran jedhan.
Walitti hidhamiinsi anniisaa naannawaa waliinga’iinsa babal’isuuf, nageenya anniisaa mirkaneessuuf, gatii elektirikaa hir’isuufi guddina diinagdee waaraa dhugoomsuuf akka gargaaru ibsuusaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Qophiin teekinikaa gabaa elektirikaa eegaluuf dandeessisu waggaa tokko dura xumuramus gabaan kun hanga ammaatti gara hojii daldalaatti galuu dhabuun yaaddessaa ta’uu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia