Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 11ffaa Adoolessa 9 irraa eegale gaggeessa
Finfinnee, Adoolessa 1, 2018 (FMC)- Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 11ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Adoolessa 9, 2018 irraa eegalee Galma Caffeetti ni gaggeessa.
Haaluma kanaan Miseensonni Caffee Oromiyaa hundi Adoolessa 8, 2018 waaree booda sa’aatii 8:30 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti argamuun gabaasa akka taasisan waamichi dhiyaateera.