Imala Diijitaal Itiyoophiyaa waggoota shanii fi raawwii waadaalee galamanii:-
Mootummaan Ida’amuu wayita filannoo waliigalaa 6ffaa galmoota qabate guguddoo keessaa bu’uuraalee misooma Diijitaalaa ammayyeessuu fi Tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2025 milkeessuu ture.
Damee Teeleekoomii banaa taasisuu, kaffaltii diijitaalaa babal’isuu fi tajaajiloota mootummaa teeknooloojiin ammayyeessuuf ummataaf waadaa galee ture.
1. Dameen Teeleekoomii bilisa ta’uu fi dorgommii gabaa:-
Waggootaaf mootummaa qofaan qabamee kan ture damee Teeleekoomii abbootii qabeenyaa dhuunfaa fi Invastarootaaf banaa taasisuun tajaajila fooyya’aa dhiyeessuuf waadaa galamee ture.
Haaluma waadaa galameen:- Safaarii koom Itiyoophiyaa seenuun Itiyoophiyaatti yeroo jalqabaaf teeleekoomiin gabaaf dorgomaa akka ta’u taasiseera.
Bu’uuraalee misoomaa babal’isuuf akkaatuma waadaa galameen bu’uurri misoomaa dhaloota 4ffaa fi 5ffaa naannolee dabalatee babal’achuun saffisni Intarneetii akka fooyya’u taasiseera.
Bara bajataa 2017 keessa qofa magaalota 16 neetwoorkii 5G fi magaalota 512 neetwoorkii 4G qaqqabsiisuun danda’ameera.
Damee Teeleekoomii walakkaan dhuunfatti naannessuuf akkuma waadaa galameen Itiyoo Teeleekoomiin % 10 Aksiyoonaa karaa gabaa Kaappitaalaan ummataa fi abbootii qabeenyaa biyya keessaaf gurguruun eegalameera.
2.Faayinaansii Diijitaalaa fi sirna kaffaltii:-
Daddabarsa maallaqaa ammayyeessuu, hammattummaa Faayinaan diijtaalaa guddisuun fayyadama maallaqa noottii hirisuuf waadaa galamee ture.
Sirni kaffaltii dijiitaalaa Itiyoophiyaa hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’u hojiirra oolera.
Teelee Birrii fi M- Peesaa:- Namoonni miiliyoonni miiliyoonni 40 ol fayyadamtoota Teelee Birrii ta’aniiru.
Kunis aadaa kaffaltii diijitaalaa jijjiireera.
Kaffaltiin mindaa hojjettootaa, gurgurtaan boba’aa, adabbiin Tiraafikaa, Elektirkaa fi Teelee dijitaala qofaan akka kaffalaman taasifameera.
Hojiirra oolmaan tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 carraa itti fayyadama teeknooloojii mijeessuun kaka’umsa guddaa uumeera.
3. Tajaajiloota mootummaa diijitaala taasisuu:-dhiibbaa Biirookisaa hir’isuu, dhamaatii hambisuu, malaammaltummaa ittisuu fi tajaajiloonni mootummaa hedduun onlaayinii ta’aniiru.
Eenyummeessaa diijitaalaa:- Mootummaan lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoonaan lakkaawwaman sirna eenyummeessaa diijitaalaa akka galmaa’an hojii bal’aa hojjeteera.
Kunis yeroo ammaa tajaajila baankii fi tajaajila biroorratti walitti hidhamuun tajaajila addaa kennuu eegaleera.
Tajaajila mootummaa ammayyeessuu fi bulchiinsa gaarii dagaagsuu keessatti ‘Digital Ethiopia’ shoora olaanaa bahateera.
Sirni mootummaa durii birookiraasii cimaa, hojii waraqaa baay’ee fi malaammaltummaaf saaxilamaa ture.
Tajaajiloota dijitaala gochuun rakkoolee kana furuuf hojii guddaan jalqabameera.
Tajaajiloonni akka gibira kaffaluu, eeyyama daldalaa haaromsuu fi galmee siiviilii karaa toora interneetii (online) kennamuu jalqabuun iftoomina, itti gaafatamummaa fi saffisa tajaajilaa dabaleera; carraan malaammaltummaas gadi bu’aa jira.
Wiirtuun kenna tajaajila 1ffaa tajaajila saffisaa, ifaa fi haqa qabeessa ta’e uumuun walitti dhufeenya mootummaafi uummataa jabeessuu keessatti shoora olaanaa qaba.
Waliigalaan Diijitaal Itiyoophiyaan 2025 guutummaatti milkaa’eera.Imalli diijitaala Itiyoophiyaa 2030 eegalameera.
Waggoota shanan darbanitti mootummaan damee Dijitaalaa Itiyoophiyaan waadaa gale hojiirra oolchuun guddina ariifataa agarsiiseera.
Gabaa teeleekoomii banamuu, daldalli dijitaalaa fi daddabarsi maallaqaa babal’achuun, waraqaa eenyummaa diijitaalaa hojiirra oolchuun bu’aa ba’ii gurguddoo dinagdee biyyattii gara fuula duraatiif bu’uura kan kaa’aniidha.
#Oromia #Ethiopia