Itiyoophiyaan teeknooloojii Hubannoo namtolchee irratti guddina jajjabeessaa galmeessaa jirti – Joordaan
Finfinnee, Hagayya 7, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan damee teeknooloojii Hubannoo Namtolchee fi jijjiirama dijitaalaa irratti guddinni galmeessaa jirtu jajjabeessaa ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Joordaan Amjaad Al-Mowmaanii ibsan.
Ambaasaaddarichi Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa daawwataniiru.
Daawwannaa isaaniin walqabatee, Daayireektarri Olaanaan Inistiitiyuutichaa Dooktar Warquu Gaachanaa, hojiiwwan misooma teeknooloojii saffisiisuuf hojjetamaa jiran Ambaasaaddarichaaf ibsaniiru.
Ambaasaaddar Amjaad Al-Mowmaanii gama isaaniin, hojiiwwan Inistiitiyuutichi hojjechaa jiru, mul’ata Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad misooma kalaqaarratti hundaa’e dhugoomsuuf qaban waliin kan walsimu ta’uu jajanii ibsaniiru.
Biyyi isaanii dameewwan hubannoo namtolchee, jijjiirama dijitaalaa, ijaarsa dandeettii fi waljijjiirraa muuxannoo irratti tumsa Itiyoophiyaa waliin qaban caalaatti cimsuuf fedhii olaanaa akka qabdus mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia