Fana: At a Speed of Life!

Dandeettii Itiyoophiyaan damee fayyaan uumte beekamtii idil-addunyaa argateera- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 1, 2018(FMC)- Ejensii To’annoo Qorichaa Idil-addunyaarraa dandeettii ijaarsaafi to’annoo dameewwan faarmaasiyuutikaalaafi hospitaalaan argameef beekamtiin kennameera jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad walga’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa guyyaa kaleessaa gaggeeffame irratti argamuun deebiifi ibsa kennaniin, damee fayyaan hojiileen bu’aa qabeessa ta’an hojjetamuu eeraniiru.

Dandeettiin biyya keessatti qoricha oomishuu Kanaan dura %4 ture yeroo ammaa gara %44-45’tti guddachuu ibsaniiru.

Damee Faarmaasiyuutikaalaan dandeettii waliigalaa biyyaalessaa ijaaruuf Inistiitiyuutii Qorannoo Fayyaa Afrikaa dabalatee ijaarsi laabiraatoorii bal’aan hojjetamuu kaasaniiru.

Magaalaa Finfinneetti baatiiwwan darban keessa dhaabbileen fayyaa hedduun eebbisiifamuufi baatiiwwan itti aananittis dhaabbileen fayyaa dabalataa eebbisiifamuun tajaajila kan eegalan ta’uu eeraniiru.

Fedhii bal’aa jiru hospitaalota lamaafi sadiin guutuun akka hin danda’amne kaasanii, sadarkaa dhaabbilee fayyaa fooyyessuuf waggoottan shanan dhufanitti dhaabbilee sadarkaa idil-addunyaa eegan ijaaruun galma isa ijoodha jedhan.

Kana malees dhukkuba busaa ittisuuf saaphanni siree raabsamuufi manneen miiliyoona sadii ta’anitti keemikaalli farra bookee busaa raabsamuu eeraniiru.

Yeroo jalqabaaf aanaalee 58’tti talaalliin kennamuus ibsaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.