Yaa’iin Maree Biyyaalessaa gaggeeffamuuf guyyoota muraasa qofatu hafe
Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Waliigaltee biyyaalesaa ni uumaan abdii guddaan eegamaa kan jiru Yaa’iin Maree Biyyaalessaa gaggeeffamuuf guyyoota muraasa qofatu hafe.
Yaa’iin Maree Biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 Magaalaa Finfinneetti eegala.
Yaa’iin seena qabeessi kun yeroo torbeewwan 3 hanga baatii 1tti gaggeeffamuu akka danda’u Komishiniin Maree Biyyaalessaa ibseera.
Bakka Bu’oota Uummataa fi miseensota Diyaaspooraa dabalatee hirmaattoonni kumni 4 ol yaa’icharratti ni hirmaatu.
Hirmaattoonni yaa’ichaa guyyaa kaleessaa eegalanii Finfinnee seenaa jiru.
Komishinichi waggoottan arfan darban keessa waltajjiiwwan adda addaa qopheessuun lammiilee kuma 200 ol waliin mari’achuun ajandaa walitti qabeera.
Ajandaaleen kunneen dhimmoota jajjaboo saddeet jalatti qoodamaniiru.
Isaanis:-
1) Ijaarsa biyyaa
2) Caaseffama mootumaa, akkasumas sirna filannoo
3) Dhimma Magaalota Federaalaa (Finfinneefi Dirree Dhawaa)
4) Dhimma Amantaa
5) Ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraafi mirgoota namoomaa
6) Dhimmoota siyaasaafi dinagdee, akkasumas qonnaan bultootaafi horsiise bultootaa
7) Malaammaltummaafi Bulchiinsa Gaarii
8, Ijaarsa Nageenyaa faa’i.
#Oromia #Ethiopia