Gareen ABUT dhaloota haaraa itti yaadee ballessaa jira – Aadde Keeriyaa Ibraahiim
Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC)- Gareen seeran alaa ABUT dhaloota haaraa naannoo Tigraayi hojmaataan itti yaadee ballessaa jira jedhan Miseensi Paartii Diimookiraasii Simrat Aadde Keeriyaa Ibraahiim.
Gareen seeran alaa ABUT kun garee “Tsimdoo ‘ jedhamu Shaabiyaa fi fiinxaaleeyyii Sudaan waliin qindoomina uumuun, Itiyoophiyaa shoroorkeessaa jiraachuuf karoorsee socho’aa jiraachuu dubbatan.
Garichi Waliigaltee Piriitooriyaa cabsuun irra deebiin waraanaaf qophaa’uun, hadhoolii Tigraayi bochiisaa jiraachuu himaniiru.
Waliigalteen nageenyaa Piriitooriyaa sagalee dhukaasaa balleessuun ummata naannoo Tigraayiif abdii kan kenne karaa nageenyaa qabatamaa ture jedhan.
Mootummaan Federaalaa waliigaltichaan bu’uuraalee misoomaafi dhaabbilee barbada’an irra deebiin ijaaruu eeruun, kunis ummata naannichaaf jireenya nagaa akka jiraatu carraa uumuu ibsaniiru.
Hidhattoonni duraanii naannichaas leenjii haaromsaa fudhachuun gara hawaasatti makamuun jireenya tasgabbii qabu jiraachaa jiru jedhan.
Gareen seeraan alaa kun humnoota biyya keessaa fi alaa wajjiin qindoomuun ummata Tigraayi gadaadoo irra deebiif qopheessaa jiraachuu himaniiru.