Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan hammattoo Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaan shaqaxaalee Doolaara miiliyoona 15 ergite- Ministeericha

Finfinnee, Adoolessa 3, 2018(FMC)- Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Itiyoophiyaan gama hammattoo Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaan oomishaalee al-ergii ishee erguu eegalteetti jedhe.

Ministeerichi Yaa’ii sektaraa qaamolee qooda fudhattootaa 9ffaa magaalaa Hawaasaatti gaggeessaa jira.

Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Gofee wayita kana Itiyoophiyaan bara baajataa 2018 damee daldala alaarraa galii Doolaara biiliyoona 9 fi miiliyoona 400 argachuuf karoorsitee Doolaara biiliyoona 11 ol milkeessiteetti jedhan.

Milkaa’inni kun bu’aa qindoominaafi kutannoo imaammataa mootummaa ta’uu ibsaniiru.

Bara baajatichaatti diijitaalaayizeeshinii tajaajilaan, itti quufiinsa tajaajila hawaasa daldalaa guddisuufi gabaa tasgabbeessuu irratti milkaa’inni galmaa’uu eeraniiru.

Sirna daldalaa kabachiisuuf hordoffii taasifameen qaamolee seeraan alaa kuma 93 ol irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuus kaasaniiru.

Gama walitti hidhamiinsa daldala idil-addunyaafi naannawaan biyyattiin milkaa’ina guddaa galmeessisuu eeruun, Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa akka taatuuf mariiwwan godhaman bu’aa qabeessa akka turan yaadachiisuun, waggaa itti aanutti deebiin xumuraa kan argamu ta’uu dubbataniiru.

Kana malees Itiyoophiyaan hammattoo Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaan oomishaalee ishee gara alaatti erguu akka eegalte kaasanii, Doolaara miiliyoona 23 naannawichatti daddabarfame keessaa Doolaarri miiliyoonni 15 Itiyoophiyaan kan ergite ta’uu ibsaniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.