Adeemsa Yaa’ii Maree Biyyaalessaarratti ibsi kennamaa jira
Finfinnee, Adoolessa 4, 2018 (FMC)- Komishiniin Maree Biyyaalessaa hirmaattoota yaa’ichaf adeemsa yaa’ichaa ilaalchisee ibsa kennaa jira.
Ibsichi hirmaattonni yaa’ichaa adeemsa marii keessatti qajeelfama hordofuu qaban hojiirra akka oolchaniif kan dandeessisu ta’uun ibsameera.
Kan malees, yaa’iicharratti waliigaltee waloo irra gahuun akka danda’amuuf, hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uun isaa eerameera.
Yaa’ii Maree Biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegale gaggeeffamuuf hirmaattonni bakka buutoota ummataa kutaalee biyyattii garaagaraarraa Finfinnee galuun ni yaadatama.
Yismaawu Adaraawutu gabaase.