Ogeeyyiin Fayyaa arjooma ijaa guddisuuf…
Finfinnee, Adoolessa 4, 2018 (FMC)- Tajaajila arjooma ijaa guddisuuf ogeeyyiin fayyaa hubannoo hawaasaa cimsuu irratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu jedhe Baankiin Ijaa Jimmaa.
Hogganaan Kutaa Barnoota Yaala Ijaa Yuunivarsiitii Jimmaafi Daayrektarri Meedikaalaa Baankii Ijaa Jimmaa Dooktar Jaafar Kadir, baankichi hanga ammatti namoota 40′ f yaala jijjiira koorniyaa ijaa kan taasise yoo ta’u, tajaajila kana babal’isuuf arjoomtootni dabalataa akka barbaachisan dubbataniiru.
Dooktar Jaafar Koorniyaa ija ‘yoo awwaalle biyyee ta’a, yoo arjoomne garuu ifa ta’a’ jedhan.
Jimmatti baankiin ijaa banamuun namoota ifni ija isaanii akka deebi’uuf eeggachaa jiraniif, keessattuu naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaatiif abdi guddaa kan uumu waan ta’eef arjoomtootni baay’een akka hirmaatan gaafataniiru.
Daayrektarri Kilinikaalaa Hospitaalichaa Dopktar Hunde Ahimad akka jedhanitti, hawaasa biratti sababa aadaa, amantiifi ilaalchota barsiifataa garagaraatiin du’aan booda qaama arjoomuuf fedhiifi muuxannoon jiru xiqqachuun gufuu guddaa akka ta’e ibsaniru.
Rakkoo kana hiikuuf namni kamiyyuu utuu lubbuun jiruu waadaa galuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Arjooma kanaan kan fayyadamteefi ifni ija ishee kan deebi’eef Raheel Sintaayoo, koorniyaan ija bitaafi mirgaa nama du’e tokkoo jireenya namoota arguu dhaban lama guutummatti jijjiiruufi ibsuu akka danda’u hawaasni hubatee arjoomuu akka qabu ibsiteerti.
Tasfaahun Kabbadaatiin.