Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad buufata xiyyaaraa Mootii Taklaayimaanot eebbisiisan

Finfinnee, Adoolessa 5, 2018(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad buufata xiyyaaraa Dabra Maarqoos Mootii Taklaayimaanot guyyaa har’aa eebbisiisaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, uummanni Dabra Maarqoosifi naannawaa ishee waggoottaniif eegaa kan tureefi waggoota 30’f adda cite kan ture buufanni xiyyaaraa Mooticha Teklaayimaanot haala ammayyaan fooyya’uun fi sadarkaan isaa guddatee ijaaramuun guyyaa har’aa ifatti eebbisiisneerra jedhan.

Buufanni xiyyaaraa kun dandeettii xiyyaarota geejjibsiisa uummataafi fe’umsaa gurguddoo kanneen akka Q400 fi B737 qubachiisuu akka qabu ibsaniiru.

Buufatichi hojii eegaluun sosochii daldala, invastimantiifi tuurizimii naannawichaa dadammaqsuun guddina diinagdee naannawichaafi biyyattiif boqonnaa haaraa kan banu ta’uus eeraniiru.

Qormaatilee gara carraatti jijjiiruun, gaaffilee misoomaa uummata keenyaa sadarkaa sadarkaan deebisuufi pirojektoota gurguddoo eegalle qulqullinaafi saffisaan xumuruun eebbaaf dhaqabsiisuuf kutannoo qabnu qabatamaan agarsiisaa itti fufna jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.