Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Beeniin waliin mari’atan
Finfinnee, Adoolessa 6, 2018( FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Beeniin Roomuunwaald Waadaagnii waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pireezidaantii Beeniin Roomuunwaald Waadaagnii waliin dhimmoota waloo irratti mari’achuu ibsaniiru.
Hariiroo gamlamee cimsuufi dhimmoota waloo irratti tumsa olaanaa taasisuuf carraalee dandeessisan irratti marii bu’aa qabeessa taasifneerra jedhan.
Tumsa cimaafi michummaa waaraaf kutannoo waloo qabnu guddisuuf fedhii guddaa qabnas jechuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia