Kenniinsa tajaajilaa hojimaata diijitaalaan saffisiisuun cimee itti fufa- Aadde Salaamaawit Daawwit
Finfinnee, Adoolessa 6, 2018(FMC)- Kenniinsa tajaajilaa dameewwan garagaraan kennaman hojimaata diijitaalaan saffisiisuun cimee itti fufa jedhan Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Lammummaafi Immigireeshinii aadde Salaamaawit Daawwit.
Tajaajilichi Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun Appilikeeshinii tajaajila galmeessa maatiifi siiviilii diijitaalaa misoomse bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaatti hojii eegalchiiseera.
Aadde Salaamaawit Daawit wayita kana apilikeeshiniin kun qaama hojii riifoormii tajaajiloota tuttuqqaa waraqaarraa bilisa gochuun imala diijitaalaa saffisiisuu akka ta’e ibsaniiru.
Odeeffannoo sirriin kaayyoowwan garaagaraaf dhiyaatan imaammata guddina biyyattiif bocaman hojiirra oolchuuf murteessaa ta’uus kaasaniiru.
Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Warquu Gaachanaa gama isaaniin, appilikeeshiniin misoome gaaffilee uummataa karaa hojimaata diijitaalaa si’ataa ta’een deebisuuf dandeessisa jedhaniiru.
Dhaabbatichi imala Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 dhugoomsuuf dameewwan garaagaraan xiyyeeffannoo kennee hojjechaa akka jirus ibsaniiru.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia