Naannichi lammiilee miiliyoona 2.9 oliif carraa hojii uume
Finfinnee, Adoolessa 6, 2018 (FMC) – Naannoon Oromiyaa bara baajataa xumurame keessa namoota miiliyoona 2.9 ol ta’aniif carraa hojii uume jedhe.
Mootummaan naannoo Oromiyaa bara 2018 carraa hojii uumuun galii lammiilee guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa turuu ibse.
Bu’uuruma kanaan namoota miiliyoona 2 fi kuma 900 fi kuma 5 fi 850 ta’aniif carraa hojii uumuuf karoorfamee, namoota miiliyoona 2 fi kuma 900 fi kuma 16 fi 808 oliif carraan hojii biyya keessaafi alaatti uumameera jedhe naannicha gamaaggama raawwii hojii kurmaana 4ffaa har’a gaggeesseen.
#Oromia #Ethiopia