Waamicha nageenyaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad:-
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad erga gara aangotti dhufanii kaasanii biyyattiin gaaga’ama siyaasaa fi hawaasummaa keessatti akka hin kufne irra deddeebiin waamicha nageenyaa taasisaa turaniiru.
Waamichi nageenyaa kunneenis waliigaltee biyyaalessaa uumuu, walitti bu’iinsa jiran hidhannoon osoo hin taane mariin hiikuu fi nageenya waareesuu bu’uura kan godhate yaadamoota Ida’amuuti.
Waamichoonni kunneen mootummaan nageenyaaf dursa kennuun obsa kan agarsiisan, garaagartee mariin furuuf kan dandeessisanii fi hidhattoonni kara nagaatti akka dhufan kan affeeraniidha.
Keessattuu miidhaa waraanaan qaqqabuu hambisuu, nageenya uummataa tiksuu fi waliigaltee biyyaalessaa hunda hammate uumurratti kan xiyyeeffataniidha.
Walitti bu’iinsa, garaagartee siyaasaa fi hawaasummaa kamiiyyuu mariin furmaata laachuun ejjennoo Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Hidhattoonni karaa nagaan akka deebi’an, walitti bu’iinsa lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa qaqqabsiisuu hambisuuf hidhattoonni karaa nagaan adeemsa siyaasaa keessatti akka hirmaatan irra deddeebiin waamichi dhiyaatera.
Falaasamni Ida’amuu hammachuu, waldanda’auu fi waloon hojjechuu bu’uura kan godhateedha.
Adeemsi kun Itiyoophiyaa waloon ijaaruuf kan dandeessisu waltajjii nagaa uumaniidha.
Waamichi taasifame afaan qofaan kan daanga’e osoo hin taane gocha qabatamaa seenaa keessatti ashaaraa kaa’aniidha.
Mootummaan nageenyaaf jecha obsa olaanaa mul’iseera, waldhabdee yeroo yeroon uumaman mariin furuuf kan dandeesisan karaa baneera.
Daandiin nageenyaa filannoo jalqabaa fi karaa amansiisaa ta’uu Dooktar Abiy Ahimad irra deddeebiin ni ibsu.
Waamichi nagaa tooftaalee ijoo tokkummaa Itiyoophiyaa, nagaa ummata ishee fi guddina biyyattii mirkaneessuu ta’uu ibsu.
Nageenyi waaraa akka dhugoomu, waamicha mootummaan taasisu cinatti Humnootni siyaasaa, abbootiin amantii, jaarsooliin biyyaa fi ummaanni Itiyoophiyaa hundi gahee isaanii bahachuutu irraa eegama.
#Oromia #Ethiopia