Humni qilleensaa haala kam keessattuu dandeettii nageenya Itiyoophiyaa eeguuf dandeessisu ijaareera- L/J Yilmaa Mardaasaa
Finfinnee, Adoolessa 7, 2018(FMC)- Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan humni qilleensaa keenya qophaa’ummaa amansiisaan dandeettii haala kam keessattuu nageenya Itiyoophiyaa eeguuf dandeessisu ijaareera jedhan.
Humni qilleensichaa ijaarsa dhaabbataa irratti xiyyeeffachuun waan hojjeteef bu’aa jajjabeessaan argamuus kaasaniiru.
Raayyichi qophaa’ummaa xiin-sammuufi teeknooloojiin humna nageenya Itiyoophiyaa eegsisu ta’ee kan itti fufu ta’uus eeraniiru.
Dhaabbatichi hidhannoo ammayyaafi leenjii humna namaa olaanaan raayyaa isaa gurmeessuu danda’uun akkasumas beekumsiifi teeknooloojiin argame raayyichi dirqama isaa gahumsaan akka bahatuuf gumaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Milkaa’inni riifoormii humna qilleensichaa qabatamaan mul’achuu kaasanii, dhaabbatichi dandeettii iddoowwan garaagaraatti ergamawwan gurguddaa raawwachuuf isa dandeessu ijaaruu hubachiisaniiru.
Dabalataan pirojektoota hedduu baasii olaanaa gaafatan dandeettii ofiin fi baasii gadi aanaan hojjechuu akka danda’e eeraniiru.
Kana malees dandeettiin Giddugala suphaa olaanaa Aviyeeshinii guddachuun fi eeyyama suphaa xiyyaarota biroo argachuun guddina teeknooloojii keenyaa kan agarsiisudha jedhaniiru.
Giddugalichi humna lafarraaf deeggarsa geejjibaafi waraanaa gochuun waraana oppireeshinaalaafi taaktikaan humna injifataa uumuu ibsuusaanii Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia