Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Miliyoona 20 tajaajila tola ooltummaa Fayyaarraa ni fayyadamu

Finfinnee, Adoolessa 7, 2018(FMC) – Ministirri Fayyaa Dooktar Maqidas Dhaabaa lammiileen miliyoonni 20 tajaajila lammummaa yeroo gannaa baranaa irraa fayyadamoo ni ta’u jedhan.

Koleejiin Miliimiyamii Hospiitaala Qiddus Phaawuloos tajaajila qorannoo yaalaa bilisaa tajaajila tola-ooltummaa ganna kanaa ifatti eegaleera.

Sagantaa eegalchiisa tajaajilichaa irratti Af-yaa’ii Itti Aantuun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Loomii Badhoo, waqtiin gannaa yeroo itti wal gargaarruu fi waldeggerruu dha jedhan.

Ogeeyyii tajaajila tola-ooltummaa kana irratti hirmaachaa jiran galateeffatanii, qabeenya murtaa’aa biyyattiin qabdu fayyadamuun misooma eegalame cimsuu qabnas jechuun hubachiisan.

Yaada Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad maddisiisaniin tajaajilli tola ooltummaa gannaa biyyoota biroof fakkeenya akka ta’u kan ibsan Dooktar Maqidas, tajaajila tola-ooltummaa kana sirna fayyaa keessatti hammachiisuun hojjetamaa akka jiru dubbatan.

Bara darbe tajaajila kanaan lammiileen miliyoonni 15 yaala fayyaa bilisaan akka argatan yaadachiisanii, tajaajila tola-ooltummaa ganna kanaanis lammiilee Miliyoona 20 fayyaduuf karoorfamuu ibsan.

Tajaajila tola-ooltummaa yeroo gannaa qofaan dhiigni yuuniitiin kuma 100 fi kuma 76 walitti qabamuu fi meeshaalee yaalaa suphuun qabeenya biyyaa qisaasama irraa baraaruun akka danda’ame yaadachiisuu isaanii odeeffannoon Ministeera Fayyaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.