”Itiyoophiyaanonni haala qaroomina qabuun mari’achuuf walitti qabamuun, olka’iinsa Itiyoophiyaa kan agarsiisudha” – Obbo Mahammad Idriis
Finfinnee, Adoolessa 7, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaanonni haala qaroomina qabuun mari’achuuf walitti qabamuun isaanii olka’iinsa Itiyoophiyaa kan agarsiisudha jedhan Ministirri Nagaa Mahammad Idriis.
Ministirichi yaa’ii marii biyyaalessaa boru jalqabu ilaalchisee ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan fakkeenya qaroominaa, mallattoo waliin jireenyaa, xomboora bilisummaa, eegaltuu ogummaafi qabeenya baay’ee kan qabdu ta’uu ishee yaadachiisaniiru.
Akka biyyaatti carraa marii argame kanatti sirriitti fayyadamuun, dhimmoota garaagarummaa uuman mariidhaan furanii seenaa hojjetanii darbuun, injifannoo dhalootaa isa guddaafi hin irraanfatamne ta’uu hubachiisaniiru.
Seenaa keessatti carraan kan uumamanni fi waliin jireenya akkasumas dhimmoota nageenya waaraaf gufuu ta’an adda baasanii furuuf xiyyeeffannoo kennuun furmaata fiduuf gahee guddaa qaba jedhan.
Itiyoophiyaanonni dhimma biyya isaanii irratti dubbii qaroomina qabuufi nagaan mari’achuuf walitti qabamuun bilchina, fageessanii yaaduu ijoollee Itiyoophiyaa akkasumas olka’iinsaafi abdii ifaa egeree Itiyoophiyaa kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru.
Yaa’iin marii biyyaalessaa boru irraa jalqabee Finfinneetti kan gaggeeffamu yoo ta’u, qooda fudhattoonni adda addaa kuma 4 ol ta’an akka irratti hirmaatan ibsameera.
#Oromia #Ethiopia