Mareen Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti nageenya waareessuufi tokkummaa biyyaalessaaf murteessadha.
Garaagartewwan ilaalchoota siyaasaa fi hawaasummaan uumaman afaan qawween osoo hin taane waldhaggeeffachuu fi mariin furuun daandii filatamaadha.
Adeemsi kun biyya cimtuu waliigaltee ummataan hundeeffamte ta’uu mirkaneessuuf tarkaanfii akkaan murteessadha.
Biyya akka Itiyoophiyaa, sabootaafi aadaa hedduu qabduuf, olaantummaan ilaalchaa qaama tokkoo qofti nagaa waaraa hin fidu.
Mariin biyyaalessaa waldhabdee fi madaa baroota dheeraaf turan mariin furuuf waltajjii waloo daran murteessaa ta’eedha.
Adeemsa lammiileen hundi garaagarummaa tokko malee waloon carraa biyyaa itti murteessanidha.
Waltajjii qaamni hundi yaada isaa bilisummaan itti calaqqisiifatuudha.
Mariin biyyaalessaa waliigaltee waloo uuma.
Dhimmoota birmadummaa biyyaaf akkaan murteessaa ta’e kanarratti lammiileen hundi sagalee tokkummaa isaanii mirkaneessu.
Kunis dhimmoota birmadummaa biyyattiif murteessoo ta’an irratti sagaleen lammiilee hundaa tokko ta’uu mirkaneessa.
Paartileen siyaasaa, dhaabbileen amantaa, waldaaleen siiviilii fi ummanni yoo waliin mari’atan biyya jabduu bu’uura cimaa qabdu uumu.
Mareen Biyyaalessaa biyya cimtuu ijaaruuf dhagaa bu’uuraati.
Biyyi waliigalteen ijaaramte dhiibbaa keessaa fi alaaf harka hin laattu.
Adeemsi kun biyya nagaa qabdu dhaloota dhaalchisuuf carraa seenaa qabeessa.
Kanaaf lammiileen Itiyoophiyaa hundi adeemsa seenaa qabeessa kanarratti hirmaannaa cimaa taasisuun ijaarsa biyyaa keessatti ashaaraa isaanii kaa’uu qabu.
#Oromia #Ethiopia