Fana: At a Speed of Life!

Marii Afrikaaf barumsa ta’u, Itiyoophiyaanota hundaaf ammoo boqonnaa haaraa uumu…

Yaa’iin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaleessa Finfinneetti eegaleera.

Yaa’ii har’aaf qofa osoo hin taane waggoota kurnan hedduu itti aananiif bu’uura kaa’udha

Seen duubeen Itiyoophiyaa rakkoo siyaasaa fi gaaffilee walqabatanii ka’an humnaan furuuf yaaluu ishee gatii guddaa kaffalchiiseera.

Waggoota afran darban keessatti lammiileen Itiyoophiyaa kumaatamaan lakkaa’aman mariilee adda addaa keessatti hirmaatanii bu’uura adeemsa Marii Biyyaalessaa amma jiru kaa’aniiru.

Sagantaa eegalchiisa yaa’ichaarratti kan argaman Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan aadaa waldhabdee humnaa fi afaan qawween xumuruu irraa gara marii fi furmaata nagaa waaraatti ce’uu qabdi jedhan.

Murteewwan gurguddoon yeroo darbe namoota muraasaan murtaa’aa turan irraa gara hirmaannaa uummataa bal’aatti ce’uun barbaachisaa ta’uu kaasan.

Maraammartoo adeemsa siyaasaa Itiyoophiyaa jecha humnaatiin eegalee tarkaanfii humnaatiin goolabamu cabsuun waliin dubbachuufi mari’achuun yeroo itti bakka bu’uudha.

Qormaatilee gara carraa gaariitti jijjiiruun aadaa aangoo nagaan walii dabarsuu iticha.

Mandara keenya keessaa baanee Itiyoophiyaaf wayita marii’annu, ijoollee keenyaaf jennee isaaniin yaadne yeroo walmarii’annu bu’aansaa baay’ee milkaa’aa ta’a jedhan. ‎

Har’as Itiyoophiyaanonni gaaffii qabu. Garuu gaaffii sanaaf furmaatni kaleessaa deebii hin ta’u.

Aadaan wal mormii jechoota cimaatiin jalqabamee humnaan itti fufu rakkoo seenaa biyyattii keessaa isa guddaa ta’uu ibsanii, kun marii hunda hammatee fi waliigaltee biyyaalessaa uumuun furmaata waaraa argachuu akka qabu cimsanii hubachiisan.

Mariin Biyyaalessaa nagaa fi egeree waloo Itiyoophiyaa ijaaruuf gahee murteessaa akka qabu eeran.

Hirmaattotni marii seena-qabeessa kanaa hunddi itti gaafatamummaa guddaa fi amanamummaa guutuudhaan furmaata waaraa fi waliigaltee biyyaalessaa dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.