Fana: At a Speed of Life!

Ulaa galaanaa meeshaa biyyi tokko addunyaa ittiin to’attu…

Finfinnee, Adoolessa 10, 2018(FMC)- Ulaan galaanaa guddina diinagdeefi faayidaa biyyaalessaa biyya tokkoo eegsisuurra darbee meeshaa biyyi tokko ittiin addunyaa to’attudha.

Biyyoonni addunyaa daldala baay’ee murteessaa ta’e daldala diijitaalaa ulaa galaanaa fayyadamuun gaggeessu.

Sararoonni intarneetii bittaafi gurgurtaan diijitaalaa akkasumas odeeffannoowwan ittin daddarban kan argaman galaana keessatti.

Sararoonni intarneetii galaana keessa kan diriirfaman waan ta’aniif intarneetii fayyadamuuf haadonni isaanii qaama lafaa waliin walquunnamuufi hawaasa fayyadamu bira gahuuf ulaa galaanaa barbaachisa.

Haala amma jiruun Itiyoophiyaan ofii isheen kana gochuu hin dandeessu.

Tarsiimoo diijitaal Itiyoophiyaa 2025 milkaa’inaan xumurtee tarsiimoo diijitaal Itiyoophiyaa 2030 hojiirra oolchaa kan jirtu Itiyoophiyaan lammiilee isheef tajaajila diijitaalaa si’ataa dhiyeessuuf hojjechaa jirti.

Itiyoophiyaan karaa seeraan alaa ulaa galaanaa dhabuun intarneetiin itti fayyadamnu karaa biyyoota ulaa galaanaa qabanii akka darbu dirqisiiseera.

Hirkattummaan sarara intarneetii kun hariiroon dippiloomaasii biyyoota kanneen waliin qabdu fedhii isaaniirratti kan hundaa’u gochuurra darbee saaxilamummaa nageenyaa kan uumu waan ta’eef dandeettii nageenya odeeffannoo balaarra buusa.

Faayidaa biyyaalessaa biyyattii kabachiisuufis gufuu ta’a; birmadummaa ishees balaaf saaxila.

Sababa waraana Baha Giddugaleessaan biyyoonni sararoota intarneetii addaan kutuuf sodaachisaa fi dhiibbaa uumaa turuun kan yaadatamudha. Ulaa galaanaa qabaachuun isaanii dandeettii kana kennuufiin isaa kan wal nama gaafachiisu miti.

Intarneetii dhabuun diinagdee Itiyoophiyaa duubatti kan harkisu waan ta’eef ulaan galaanaa diinagdee biyyaaf faayidaa olaanaa qabaachuurra darbee meeshaa ittiin addunyaa to’ataniifi birmadummaa biyyaa kabachiisanidha.

Beeteliheem Girmaan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.