Hiriira nagaa boru Finfinneetti gaggeeffaman hordofee daandiwwan cufaman ifooman
Finfinnee, Adoolessa 10, 2018 (FMC) – Hiriira nagaa boru Finfinneetti gaggeeffaman hordofee daandiwwan tajaajila geejjibaaf cufaman ifoomaniiru.
Gaaga’ama naannoo Tigraayitti hammaachaa dhufe mormuuf, akkasuma mootummaa Federaalaa fi hawaasa idil addunyaaf beekisuuf hiriirri nagaa mata duree ‘ukkaamsoon haa dhaabbatu, nageenyi haa waaru’ jedhuun boru barii eegalee Addabaabayii Masqalaatti ni gaggeeffama.
Hanga hiriirichi xumuramutti daandiwwan tajaajila tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomaniiru.