Gareen seeraan alaa ABUT uummata Tigraayiin misoomarraa duubatti hambise- Obbo Geetaachoo Raddaa
Finfinnee, Adoolessa 11, 2018(FMC)- Gareen seeraan alaa ABUT uummata Tigraayiin misoomarraa duubatti hambiseera jedhan Pireezidaantiin Paartii Diimookiraatawaa Simrat Tigraay obbo Geetaachoo Raddaan.
Hiriirri nagaa ukkaamsaafi gaaga’ama gareen seeraan alaa ABUT uummata naannoo Tigraay irratti gaggeessu balaaleffatu mata duree “ukkaamsaan haa dhaabbatu, nageenyi haa bu’u” jedhuun magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffameera.
Obbo Geetaachoo Raddaa ergaa hiriira kanarratti dabarsaniin, gareen seeraan alaa ABUT diina uummata Tigraay waan ta’eef umurii isaa gabaabsuuf hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Garichi dargaggoota gara Sudaanitti gurguruun waraanarratti bobbaasaa jiraachuu eeruun, gochaa kana dhaabuuf hojjechuu akka gaafatu kaasaniiru.
Garee uummata Tigraayiin misoomarraa duubatti hambise dhabamsiisuun naannicha gara nageenyaatti deebisuuf waloon hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Hiriirri kunis garee seeraan alaa dararaa uummataarratti dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu isaa ijaarratu kan ittiin morminuufi fedhii nageenyaaf qabnu kan ittiin ibsinudha jedhaniiru.
Uummata Tigraayiif nageenyi bu’uu akka qabu ibsuun, dhimmi jiraachuu fi jiraachuu dhabuu akkasumas nageenyi uummatichaa kan isa yaaddessu hundi tumsuu akka qabu dhaamaniiru.
#Oromia #Ethiopia