Hojmaanni Mana Murtii Aadaa mana Murtii idileef fakkeenya – Obbo Gazaalii Abbaa Simal
Finfinnee, Adoolessa 13, 2018 (FMC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 11ffaa waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa oolmaa guyyaa 2ffaa itti fufuun gaggeessaa jira.
Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa gabaasa Caffeef dhiyeessanii qulqullinni kenna tajaajila abbaa seerummaa Mana Murtii qofaan galma barbaadame bira gahuu waan hin dandeenyeef rakkoolee sirna haqaa keessa jiran hiikuuf karoora bara 2019 keessatti qaamolee haqaa biroo wajjiin qindoominaan ni hojjetama jedhan.
Qulqullina Abbaa seerummaa foyyeessuuf hojimaata Mana Murtii Aadaa keessaa ture gara Mana Murtii Idileetti fiduun hojiin ragaa sobaa xiqqeessuuf hojjetame fakkeenyummaa guddaa kan qabudha jedhan.
Galmeewwan sochiirra turan kuma 600 fi kuma 8 fi 889 keessaa galmeewwan kuma 500 fi kumni 95 fi 199 furmaata argachuu ibsan.
Kenna tajaajila abbaa seerummaa gara waraqaa maleessaatti jijjiiruuf akkasumas moosaajii OICCM fi Sagalee dhaddachaa waraabamee gara barreeffamaatti jijjiruu guutuummatti hojiirra oolchuuf ni hojjetama jedhan.
Manni murtichaa tajaajila abbaa seerummaa haqa qabeessaafi dhaqqabamaa hawaasaaf kennuuf hojii hojjetamaa tureen bu’aawwan jajjabeessaan argamuu ibsan.
Tsahaay Gulummaatiin
#Oromia #Ethiopia