Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii Seenaa Qabeessaa fi Abdii Biyyaa!

Itiyoophiyaan seenaa keessatti marii kuufama qormaatilaafi gufuulee biyyattii ta’an buqqisuu danda’u gaggeessaa jirti.

Yaa’ii biyya obbolummaan dhugaan keessatti ifee mul’atu ijaaruuf murteessaa ta’eedha.

Yaa’ii ce’umsa biyyaa milkeessuun nageenya waaraa fiduu fi rakkoolee barootaaf kuufamuun madda walwaraansaafi walitti bu’insaa ta’an hundeerraa ni furaan abdii olaanaan eegamuudha.

Waltajjiin marii seena qabeessi kun mata duree “Itiyoophiyaa biyya mariin waaroftu” jedhuun geggeeffamaa jira.

Bakka buutoonni Aanaalee, Naannolee, magaalota Federaalaafi Diyaaspooraa namoonni kumni 4 ol Yaa’ii Maree Biyyaalessa kanarratti hirmaachaa jiru.

Garaagarummaawwan siyaasaa fi hawaasummaa yeroo dheeraaf turan, akkasuma gaaffiilee eenyummaa hiikuuf waltajjii murteessaa ta’eedha.

Yeroo ammaas mari’attoonni ajandaawwan Gurguddoo Saddeet irratti marii jalqabaniiru.

Mari’attoonni dhimmoota hojmaataa irratti erga hubannoo cimsatanii booda, har’a tasgabbii fi bilchinaan gara marii dhimmoota naannoo isaaniitti ce’aniiru.

Mari’attoonni ajandaalee gurguddoo 8 fi ajandaalee xixiqqaa 80 irratti mari’achaa jiru.

Ajandaa tokkorratti gareen hojii ijoon mari’attoota 500 of keessaa qabu kan hundeeffame yoo ta’u, garee ijoo kana jala gareewwan xixiqqaan 10 kanneen miseensota 50 qaban 80 ijaarramanii hojii jalqabaniiru.

Adeemsa kana qindoominaan hogganuuf mariisistoonni muuxannoo fi gahumsa qaban 160, barreessitoonni qaboo yaa’ii 256 ramadamanii hojjechaa jiru.

Boqonnaan marii kun yaadota birmadummaan itti calaqqisanii fi haala dimoakiraatawaan keessummeeffamanidha.

Mariin kun nagaa fi tokkummaa biyyattii mirkaneessuuf haala gaariin itti fufaa jira.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.