Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa kalaqa teeknooloojii ni guddisa – Soofiyaa Ashipaalaa
Finfinnee, Adoolessa 20, 2026 (FMC) – Itti Gaafatamtuun Damee Barnootaa Gamtaa Afrikaa Soofiyaa Ashipaalaa akka jedhanitti, karoorri Itoophiyaan Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessuuf qabdu biyyattii wiirtuu teeknooloojii fi kalaqaa Afrikaa taasisuuf tarkaanfii seena qabeessa dha.
Itoophiyaan bu’aa teeknooloojii ammayyaa irraa fayyadamtee abbaa teeknooloojii ta’uu fi lammiilee ishee hawaasa addunyaa waliin walqunnamsiisuuf hojii bal’aa hojjechaa jirti.
Hojiiwwan kanneen keessaa tokko ijaarsa Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee xumuruun tajaajilaaf banaa gochuuf hojii bal’aan gaggeeffamaa jira.
Soofiyaa Ashipaalaan akka ibsanitti, Itoophiyaan damee teeknooloojii dijitaalaa keessatti bu’uura cimaa diriirsuun hojii jajjabeessaa hojjechaa jirti.
Akkasumas tarsiimoon ‘Digital Ethiopia’ fi sagantaan ‘Ethio Coders’ miliyoona shanii beekumsaa fi dandeettii lammiilee damee dijitaalaa, Hubannoo Namtolchee fi saayinsii daataan guddisaa jiru.
Keessumaa ammoo, misooma Hubannoo Namtolchee saffisiisuuf Yuunivarsiitii addaa hundeessuuf tarkaanfiin mootummaa Itoophiyaan fudhatame tarkaanfii guddaa dinqisiifatamuu qabu ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis, hojiin misooma teeknooloojii dijitaalaa Itoophiyaan eegalte biyyoota Afrikaa biroottis invastimantiiwwan wal fakkaatan akka babal’atan karaa kan banu ta’uu himaniiru.
Itiyoophiyaan Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee isa jalqabaa hundeessuuf mul’anni qabame, gara fuula duraatti barnootaa fi qorannoo fooyyee qabu diriirsuun biyyattiin damee kana keessatti mootummaa dursituu akka taatuuf kan gargaaruu dha jedhaniiru.
Babal’inni bu’uuraalee misooma barnootaa Itoophiyaa, qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuun biyyoota Afrikaa biroofillee fakkeenya gaarii ta’uu ibsuu isaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia