Mul’ata dhalootaaf addunyaa fooyyofte dhaalchisuu…
Finfinnee, Adoolessa 13, 2018(FMC)- Qormaatilee gurguddoo jabana kana keessa addunyaan keessummeessaa jirtu keessaa rakkoon jijjiirama qabeenya qilleensaa isa tokko.
Itiyoophiyaanis biyyoota rakkoo kana dhandhaman keessaa ishee tokkodha.
Rakkoo kana furuuf tattaaffiiwwan garaagaraa taasifamaa kan turan yoo ta’u, sagantaan Ashaaraa magariisaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin eegalame sosochii biyyaalessaa guddaa uumeera.
Sosochiin Kun biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane tarsiimoo misoomaa ijaarsa maqaa gaarii biyyaa, diinagdeefi jireenya hawaasummaa jijjiiredha.
Xiyyeeffannoo olaanaan ashaaraa magariisaa madaala uumamaa deebisanii eeguudha. Sababa mancaatii bosonaa waggoottaniif tureen miidhaa qabeenya uumamaa irra gahe dandamachiisuu keessatti gahee olaanaa bahateera.
Wagga waggaan biqiltuuwwan biiliyoonatti lakkaa’aman dhaabuun fi kunuunsuun uwwisa bosonaa biyyattii dabaluun danda’ameera.
Itiyoophiyaan sababa balaa lolaan wagga waggaan biyyee gabbataa toonii biiliyoonatti lakkaa’amu dhabaa turteetti.
Biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman dhiqama biyyee hir’isaniiru, hangi bishaan lafa jalaas akka dabalu godhaniiru.
Haaluma Kanaan kutaalee biyyattii hedduu keessatti laggeen goganii turan deebi’anii mirgisaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa tattaaffii biyyattiin hanga ho’aa addunyaa ittisuuf taasiftu qabatamaan kan argisiise yoo ta’u, ho’aafi hongee naannawichatti mul’atu hir’isuu keessattis qooda olaanaa bahateera.
Sagantichi biqiltuuwwan dhaabuurra darbee biqiltuuwwan nyaataafi madda galiif oolan dhaabuun sirna nyaataa maatii fooyyessuufi madda galii dabalataa ta’uu danda’eera.
Kanumaan walqabatee wabii nyaataa mirkaneessuu, carraalee hojii haaraa uumuun diinagdee hawaasaa fooyyessuuf dandeessseera.
Ashaaraan magariisaa sagantaa biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane mul’ata dhaloota addunyaa fooyyofte dhaalchisuuti.
Sagantaan ashaaraa magariisaa bara kanaa mata duree” Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Malkaam Fiqaaduun.
#Oromia #Ethiopia